Fana: At a Speed of Life!

Koontiroobaandii ittisuu fi to’achuun biyya kufaatii jalaa baraarudha -aadde Adaanach

0 104
Finfinnee, Gurraandhala 4,2011(FBC)- Koontiroobaandii ittisuu fi to’achuun biyya kufaatii jalaa baraarudha jedhan ministirri Ministeera Galiiwwanii aadde Adaanach Abeebeen.
 
Aadde Adaanach hojjettoota Koomiishinii Guumruukaa Toogoo Caalee fi Jigjigaa badhaasaniiru.
 
Badhaasni laatames bilbiloota sochootuu ammayyaa Saamsang S9(+), laaptooppii, FSR tokkoo fi konkolaataa Piikaappidha.
 
Ministirittiin naannoo Somaaleetti argamuun badhaasicha yammuu laatan, hojjettoonni guumruukii faayidaa yerootif osoo hin jilbiinfatin biyya baraaruu isaanitiin galateeffataniiru.
 
Toogoo Caaletti tibbana meeshaaleen koontiroobaandii Birrii miiliyoona 60 tilmaamamu qabamuun ni yaadatama.
Comments
Loading...