Fana: At a Speed of Life!

Keeniyaan malaammaltummaa ittisuuf uffata poolisiirraa giiphii hambisuufi

0 469
Finfinnee, Gurraandhala 4 2011 (FBC)- Keeniyaan malaammaltummaa irratti qabsa’uuf uffata danbii poolisii irraa giiphii hambisuufi.
 
Giiphii uffata danbii poolisotaa irraa hambisuun qaama qabsoo ittisa malaammaltummaa preezdaantiin biyyattii Uhuuruu Keeniyaattaan taasisaniiti.
Uffanni danbii pooliisii haaraan qophaa’uuf karoorfame giiphii of irraa hin qabu jedhameera.
 
Karoorri kun yoo dhugoome poolisoota Keeniyaa matta’aa daandii irratti akka hin fudhanne ni dhoorka jedhameet amanama.
 
Ta’us maddeen poolisii biyyattii irraa argaman akka ibsanitti, poolisoonni uffannaan isaanii giiphii akka dhabu hin barbaadani.
 
Giiphiin uffannaa poolisii miidhagsaan mormu.
 
 
Maddi ; AfricanDaily
 
Comments
Loading...