Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi Gloobaal Fandii fi Gaavii dhaabbilee fayyaa daawwatan

0 103
Finfinnee, Gurraandhala 4,2011(FBC)- Ministir deettaan Ministeera Eegumsa Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan, daayreektara olaanaa Gloobaal Fand Piitar Saandisii fi walitti qabaa boordii Gaavii Dooktar Nigoozii Akoonjoo waliin dhaabbilee fayyaa daawwatan.
 
Daawwichaan tajaajila HIV/AIDS, dhibee sombaa, talaallii busaa laalaniiru.
 
Ministeerichi hariiroo dhaabbilee kanneen waliin qabu cimsuuf akka hojjetu ministirri Ministeera Eegumsa Fayyaa Dooktar Aamiir Amaan ibsaniiru.
Comments
Loading...