Fana: At a Speed of Life!

Federeeshinichi maatii deeggartoota kilaba Faasiil lubbuu isaanii dhabaniif deeggarsa Birrii kuma 100 laate

0 360
Finfinnee, Gurraandhala 4, 2011 (FBC)- Federeeshiniin kubbaa miilaa Ityoophiyaa maatii deeggartoota kilaaba Faasiil lubbuu isaanii dhabaniif deeggarsa Birrii kuma 100 godhe.
 
Federeeshinichi guyyaa har’aa walitti qabaa boordii kilabichaa magaala Goondaaritti argamu Dooktar Muluqan Adaanaatti maallaqa maatii namoonni jalaa du’aniif oolu; Birrii kuma 100 kenneera.
 
Dhimmicharrattis Instiraaktar Sawunnat Bishaaw, obbo Zarihuun Qaqqaboo fi koomiishinarri Koomiishinii Ispoortii naannoo Amaaraa Baazzazaw Caannee dabalatee hoggantoonni kilabichaa argamuu odeeffannoon kilaba Faasiil irraa arganne ni muul’isa.
 
Tapha kilabni isaanii kilaba Bahir Daar waliin gaggeesse daawwatanii yemmuu gara magaalaa Goondaritti deebi’an konkoolaataan isaan ittiin imalan garagaree lubbuun deeggartootaa darbuun isaanii ni yaadatama.
Comments
Loading...