Fana: At a Speed of Life!

Afrikaanonni lammiilee deeggarsa dhabaniif xiyyeeffannaa laatanii hojjechuu qabu -giiftii duree aadde Zinnaash

0 104
Finfinnee, Gurraandhala 4,2011(FBC)- Afrikaanonni daa’immanii fi maanguddoota deeggarsa dhabaniif xiyyeeffannaa laatanii hojjechuu qabu jedhan giiftii duree aadde Zinnaash Taayyaachaw.
 
Yaa’iin giiftii dureewwan Afrikaa taa’amaa jira.
 
Yaa’icharratti haasaa kan taasisan aadde Zinnaash Afrikaanonni lammiilee miidhamaniif xiyyeeffannaa laatanii hojjechuu qabuun gaafataniiru.
 
Barichi bara nagayaa ta’ee akka xumuramu hawwanii, Ityoophiyaan qaama miidhamtoota, daa’immanii fi maanguddoota deeggarsa dhabanirratti xiyyeeffattee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaatti manneen barnootaa 22 ijaaruuf karoorfamuu fi amma ammaatti kan 15 jalqabamuu ibsan.
Comments
Loading...