Fana: At a Speed of Life!

Hoggansi biyyootaa fi dhaabbilee yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru

0 194

Finfinnee, Gurraandhala 2,2011(FBC)- Hoggansi biyyootaa fi dhaabbilee yaa’ii dureewwan Gamtaa Afrikaarratti hirmaachuuf Finfinnee galaa jiru.

Preezdaantiin Ruwaandaa fi dura taa’aan yeroo Gamtaa Afrikaa Pool Kaagaameen Finfinnee galaniiru.

Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee yammuu ga’anis, ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiideen simannaa taasisaniifiru.

Preezdaantiin Yugaandaa Yuweerii Kaaguutaa Museveeniin waaree booda Finfinnee yammuu galan, ministirri Ministeera Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Dooktar Ergoogee Tasfaayeen simannaa taasisaniifiru.

Guyyaa kaleessaas preezdaantiin Ziimbaabuwee Emmarsan Minaangaaguwaa, preezdaantiin Chaad Edriis Deebii fi preezdaantiin Niijar Aysuuf Mahaammad Finfinnee yammuu galan ministirri Ministeera Geejibaa aadde Daagmaawiit Moogas simannaa taasisaniifiru.

Comments
Loading...