Fana: At a Speed of Life!

Dirree Dawaan shakkamtoota 132 gadhiiste

0 198
Finfinnee, Gurraandhala 2,2011(FBC)- Rakkoo nageenyaa Dirree Dawaatti uumamee tureen namoonni shakkamanii to’annaa jala turan 132 gadhiifaman.
 
Shakkamtoota kanneenif galmeen qorannaa adda citeefiti kan gadhiifaman.
 
Dhimmicharratti Abbaa Alangee Federaalaa Damee Dirree Dawaa, Koomiishinii Poolisii Dirree Dawaa, maatii shakkamtootaa, ogeeyyii seeraa fi abbootii alangaa waliin mari’atameera.
 
Marichaan nageenyaa fi olaantummaa seeraarratti tumsaan kan hojjetamu ta’uu waliigalameera.
 
Kan har’a gadhiifaman shakkamtoota 132 dabalatee namoonni 218 gadhiifamuu Koomiishiniin Poolisii Dirree Dawaa beeksiseera.
Comments
Loading...