Fana: At a Speed of Life!

Walakkaa bara baajataa 2011tti maddoota lamarraa Birrii biiliyoonni 85.629 liqaa fi gargaarsan argameera

0 137
Finfinnee, Gurraandhala 1,2011(FBC)- Ityoophiyaan walakkaa jalqaba bara 2011tti maddoota liqaa fi gargaarsaarraa, Birrii biiliyoona 85.629 argatteetti.
 
Maallaqichi waadaa kan galamee fi kan gadhiifame maddoota maallaqaa maltiilaataraalaa fi baaylaataraararraayi.
 
1. Maallaqa waadaa galame;
 
Maddoota maltiilaataraararraa
• Liqaadhan Birrii biiliyoona 23.201
• Gargaarsan Birrii biiliyoona 32.22
Ida’amaan Birriin biiliyoonni 55.421 argameera.
Maddoota baaylaataraarrarraa;
• Liqaadhan Birrii biiliyoona 8.632
• Gargaarsan Birrii biiliyoona 21.576
Ida’amaan Birriin biiliyoonni 30.208 argameera.
 
Waliigalaan maddoota maltiilaataraarrarraa fi baaylaataraarrarraa Birrii biiliyoonni 85.629 liqaa fi gargaarsan argameera.
 
2. Maallaqa gadhiifame;
Raawwii proojaktootatiif;
Maltiilaataraarrarraa;
• Liqaa Birrii biiliyoona 21.471
• Gargaarsan Birrii biiliyoona 19.1
Ida’amaan Birrii biiliyoonni 40.566 argameera.
 
Kunis kan bara darbe; 2010 yeroo walfakkaataarra guddina %93.47 qaba.
 
Maddoota baaylaataraarrarraa;
• Liqaa Birrii biiliyoona 4.592
• Gargaarsan Birrii biiliyoona 12.387
Ida’amaan Birrii biiliyoonni 16.979 argameera.
 
Kan bara darbe yeroo walfakkaataa; 2010rra hir’ina %42.4 agarsiisera.
 
Waliigalaan maddoota lamaan; maltiilaataraaraa fi baaylaataraarrarraa Birrii biiliyoonni 57.55 argameera.
 
Maallaqni liqaa fi gargaarsan gadhiifames kan bara darbe Birrii biiliyoona 50.443 waliin yoo walcinaa qabamu Birrii biiliyoona 7.1 yookin %14 guddateera.
Comments
Loading...