Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Umar Hasan Al Bashir gaazexeessitoota hidhaman ni gadhiisna jedhan

0 488
Finfinnee, Gurraandhala 1,2011(FBC)- Preezdaantiin Sudaan Umar Hasan Al Bashir gaazexeessitoota hidhan kan gadhiisan ta’uu beeksisan.
 
Mootummaan Sudaan mormii qaala’iinsa gatiidhan booda mudate hir’isuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa jira.
 
Tarkaanfiiwwan kanneen keessaayis namoota hidhaman gadhiisuun akka filmaatatti fudhatameera.
 
Gaazexeessitoonni hidhaadhaa gadhiifamanis 16 akka ta’an eerameera.
 
Sudaan tasgabbii dhoorkuuf qaamolee socho’an akeekkachiisanii, mootummaan rakkoolee mudatan hiikuuf hojjechaa jiraachuu dhaamaniiru.
 
Maddi; Afrikaa Niiws
Comments
Loading...