Fana: At a Speed of Life!

Lakkaawwii ummataa fi manneenii baranaatif Oromiyaan qophii taasisuu beeksise

0 225
Finfinnee, Gurraandhala 1,2011(FBC)- Koomiishiniin Lakkaawwii Ummataa fi Manneenii Oromiyaa lakkoofsa ummataa fi manneeni bara kanaa gaggeeffamuuf qophii xumuraa jiraachuu beeksise.
 
Akka naannoo Oromiyaatti milkaa’ina hojii kanaaf koreewwan adda addaan hoggansa ol’aanaan gaggeeffaman hundaa’anii hojii keessa galanii jiru.
 
Barbaachisummaa fi tooftaa raawwii isaarratti ummanni hubannoo ga’aa qabaatee dammaqinaan hirmaachuu qaba jedhameera.
 
Lakkoofsi ummataa fi manneenii biyyaalessaa waggaa kudhaniin kan gaggeeffamu yoo ta’u, kan bara kanaa marsaa 4ffaaf kan gaggeeffamudha.
 
Lakkoofsa ummataa ji’aa Bitooteessaa 29 hanga Eebila 10,2011 gaggeeffamuuf Koomiishiniin Lakkoofsa Ummataa fi Manneenii Oromiyaa leenji leenjistootaa qopheessuun hojii hubannoo uumuu jalqabamuusaa barreessaan koomiishinichaa obbo Sheekoo Gurmuu ibsaniiru.
Comments
Loading...