Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin jiddu gala gamagaama qabiyyee jalqabaa Keeniyaatti banuufi

0 255

Finifinnee, Guraandhala 1,2011 (FBC)- Feesbuukiin jiddu gala gamagaama qabiyyee jalqabaa Keeniyaatti banuuf jedha.

Feesbuukiin biyyoota Afiirikaa Saahaaraa gadi jiran keessaa yeroo duraaf jiddu gala gamagaama qabiyyee kan ta’e Keeniyaatti banuuf jedhuu beeksiseera.

Jiddu galichi fayyadamtoota feesbuukii naannichaaf qabiyyee ergaa dabarsanii gamagaamu kan dandeessisu jedhameera.

Kunis Feesbuukiin maamiltoota isaa naannichaa karaa teeknooloojiichan rakkoo tokko malee yaada isaanii fi ergaa isaanii karaa bilisa ta’een akka dabarfatan kan isaan gargaaru ta’uudha kan ibsame.

Jiddu galichi bara faranjoota keessa jiru kana dhuma isaatti naannichatti ogeeyyii 100 ol kan qaxaru ta’uu ibsameera. Jiddu gala kanattis afaanonni tajaajila irra oolaan; Afaan Oromoo, Afaan Somaalee,Afaan Hawusaa fi Afaan Siiwaayilii dabalatee afaanonni baay’een akka tajaajila irra oolaan ibsameera.

Maddi፦shega.org

Comments
Loading...