Fana: At a Speed of Life!

Dorgommii walakkaa maaraatoonaa Raas Al Kaamaahin Sanbaree Tafarii injifatte

0 118
Finfinnee, Gurraandhala 1,2011(FBC)- Dorgommii walakkaa maaraatoonaa Raas Al Kaamaah; Emmireetota Arabaa Gamtoomanitti kaleessa gaggeeffameen Ityoophiyaanonni injifatan.
 
Injifattuun dorgommichaa bara darbee Sanbaree Tafariin sa’aa fooyya’aa; 1፡05፡45 galmeessisuun injifatteetti.
 
Atleetittiin riikardii Kooppan Haaganitti bara darbe atleet Abaabal Yashaanah galmeessiste sakandii 1ni kan fooyyessite.
 
Natsaannat Guddataan ammoo 1፡05፡45, 2ffaa ba’uun xumurteetti.
 
Sa’aan Sambaree fi Natsaannat qixa ta’uu isaatin fiitoo fiinishiin adda baafamaniiru.
 
Zaynab Yimar 1፡05፡46, 3ffaa ba’uun xumurteetti.
 
Ramaddii dhiiratiin; Abaadii Haddiis sakandii 2n duurfamee
58፡44, 2ffaa ba’uun xumureera.
 
Fiqaaduu Haaftuun 59፡08, 3ffaa ba’uun xumureera.
 
Atleetiin Keeniyaa Steefan Kiiproop daqiiqaa 58፡42 shaampiyoonaa walakkaa maaraatoonaa Raas Al Kaamaah bara 2019 ta’eera.
Comments
Loading...