Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Niwzilaand Ityoophiyaatti oomisha aannanii fi bu’aa isaa irratti bobba’uufi

0 215

Finifinnee, Guraandhala 1,2011 (FBC)- Ityoophiyaan qabeenya looniin Afriikarraa sadarkaa duraa irratti argamtus, qabeenyicharraa garuu hanga baay’ina isaa fayadamaa hin taane jedheera Ministeerri Innooveeshinii fi Teeknooloojii.

Saawwan aannanii biyyattii hagas mara bu’aa qabu jedhanii dubbachuuf haalli nama dandeesisu hin jiru jedhameera.

Qaawwa gama kanaan jiru duuchuu fi muuxannoo kennuuf dhaabbanni biyya Niiwzilaand Diyaarii Sooliishiinzi Ityoophiyaatti oomisha aannaanii dabaluu kan dandeessisu nyaata qopheessuu dabalatee bu’aa aannanii irratti bobba’uuf karoorfachuu ifa godheera.

Hoji gaggeessaan dhaabbatichaa Deeriik Feezeer ministir deettaa Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii Ityoophiyaa obbo Jamaal Bakriin,dhaabbatichi haala Ityoophiyaatti hojjachuu danda’urratti mari’ataniiru.

Ministir deetichi Ityoophiyaan oomisha aannanii fi bu’aa isaan Niiwzilaandirraa muuxannoo fudhachuu akka qabdu ibsan.

Damee qonnaa teeknooloojiin deegaruun kallattii xiyeeffannoo ta’uu hubachiisaniiru.

Comments
Loading...