Fana: At a Speed of Life!

Biyyoota Awurooppaatti bara 2018’tti hammi tamsa’ina dhibee gifiraa ol aanaa akka ture ibsame

0 154
Finifinnee, Guraandhala 1,2011 (FBC)- Bara Fanjootaa 2018 darbetti biyyoota Awurooppaatti hammi tamsa’ina dhibee gifiraa ol aanaa akka ture Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa beeksiseera.
 
Hammi tamsa’inasaas kan bara 2017n yemmuu walbira qabamu % 3 dabaluu ragaan dhaabbatichaa ni muul’isa.
 
Haaluma kanaan namoonni bara 2018’tti dhibee kanaan qabaman lakkoofsi isaanii kuma 82 ol gahuudha kan ibsame.
 
Dhibeen gifiraa karaa vaayrasii kan daddarbu yoo ta’u, dhibee sombaa fi sammuutti dabalee dhibeewwan adda addaaf dhibee nama saaxiluu danda’udha.
 
Dhibichi biyyoota Awurooppaa; Faransaay, Xaaliyaan, Yuukreenii fi Giriik dabalatee biyyoota biroo 10’n keessatti babal’atee akka ture dhaabbatichi ibseera.
 
Biyyoota kanneen keessa kan Yuukreen ol aanaa yoo ta’u, namoota miliyoona 1 keessaa namoota 1500 irratti muul’ateera jedha ragaan.
 
Hammi tamsa’ina dhibichaa biyyattiitti kan bara 2017’n yemmuu walbira qabamu %10’n dabaluu mul’iseera.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...