Fana: At a Speed of Life!

Konkolaataan Raavaa 4 fi koontiroobaandiin Birrii miiliyoona 1.2 oliin tilmaamamu to’atame

0 221
Finfinnee, Amajjii 30,2011(FBC)- Konkolaataan Raavaa 4 fi koontiroobaandiin Birrii miiliyoona 1.2 oliin tilmaamamu to’atame.
 
Konkolaataan Raavaa 4 fi koontiroobaandiin Birrii 1,287,800 baasu kan to’atame buufata sakattoo Waldiyaarratti ta’uu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.
 
Meeshaalee koontiroobaandiin to’annaa jala oolan keessaa Birrii 1,087,800tti kan tilmaaman meeshaalee shiishati.
 
Ragaa sobaatin lakkoofsa gabatee Abbaa Taayitaa Geejibaarraa fudhachuuf kan ture konkolaataan Raavaa 4, Birrii kuma 200 waliin qabameera.
 
Sochii ittisaa fi to’annaa koontiroobaandiirratti Ministeerri Galiiwwanii eegaleen hirmaannaan ummataa itti fufuu akka qabu ministirri ministeerichaa aadde Adaanach Abeebee dhaamaniiru.
Comments
Loading...