Fana: At a Speed of Life!

Keekiin guddichi meetira 12 dheeratu Hindiitti qophaa’e

0 216

Finfinnee, Amajjii 30, 2011 (FBC)-Keekiin addunyaa guddichi meetira 12 dheeratu Hindiitti qophaa’era.

Hindiitti boca piraamiidiin keekota xixiqqoo irraa kan oomishame; keekii guddaan meetira 12 dheeratu galmee dinqisiisoo addunyaarraatti galma’eera.

Keekii guddichi erga galmee dinqisiisoo addunyaarratti galmaa’ee booda dhaabbata tola ooltoota adda addaatiif qoodamuusaa dubbatameera.

Keekiin guddichi addunyaa bifa piraamiidiin qophaa’e kana qopheessuuf sa’aa 30 akka fudhate ragaaleen ni mul’isu.

Keekii meetira 12 ol dheeratu qopheessuuf keekota xixiqqoo kuma 18 fi dhibba 818 fayyadamuun akka barbaachisu dubbatameera.

Bifni keekii kanaa jiddu gala gabaa Viidiyoo jedhamuutti daawwattootaf dhiyaatera.

Maddi፡-upi

Comments
Loading...