Fana: At a Speed of Life!

Feesbuukiin Ergaawwan Dogoggooraan Ergine, Tajaajila Daqiiqaa 10 Keessatti Baleessu Ifa Godhe

0 612

Finfinnee, Amajjii 29, 2011 (FBC)-Feesbuukiin ergaa dogoggooraan ergine, tajaajila daqiiqaa kudhan keessatti balleessuu dandeessisu ifa taasifamuu dubbateera.

Guyyaa kaleessaa irraa eegalee fayyadamtoota Feesbuukii Meeseenjarii hundaaf ‘‘Remove for Everyone” kan jedhuun filannoo ni argattu kan jedhame yoo ta’u, kunis ergaa si’a tokko ergine deebisnee balleessuu kan dandeessisu ta’uu ibsameera.

Tajaajila filannoo ergaa balleessaa kana fayyadamuun, ergaawwan chaatii nama dhuunfaafiis ta’e gareef ergine balleessuu ni dandeenya jedhameera.

Ergaa si’a tokko ergine deebisnee baleessuuf daqiiqaan kudhan kan kenname yoo ta’u, daqiiqaa kudhanirra yoo darbe garuu baleessuu akka hin dandeenye dubbatameera.

Dhaabbatichi akka jedhetti, iddoo ergaa irraa baleessineetti nama ergaa ergineef sanaaf ergichi baduu mallattoo itti agarsiisa.

Akka ibsa Feesbuukiitti tajaajilli haaraan kun keessattuu kanaan dura ergaa namoonni dogoggoraan ergan baleessuuf rakkoo isaan muudatu kan hir’isuudha.

Feesbuukiin tajaajila haaraa kana ji’a Onkololeessaa darbe irraa kaasee yaalii irratti gaggeessaa ture kan jedhame yoo ta’u, yeroo ammaas Poolaand, Booliiviyaa, Kolombiyaa fi Luutiiniyaan dabalatee biyyoota hedduu keessatti faayidarra oolchuun eegalameera.

Maddi: www.cnet.com

Comments
Loading...