Fana: At a Speed of Life!

Iityoo Teelekoom baatiiwwan 6n darbanitti galii Birrii biiliyoona 16.71 sassaabera

0 153
Finfinnee, Amajjii 27,2011(FBC)- Iityoo Teelekoom baatiiwwan 6n darbanitti galii Birrii biiliyoona 16.71 sassaabera.
 
Galichas Adoolessaa amma Muddee 2011tti kan sassaabe ta’uu Iityoo Teelekoom beeksiseera.
 
Baatiiwwan 6nitti karoorrisaa Birrii biiliyoona 20.86 sassaabuu ture.
 
Kana keessaa milkeessuu kan danda’e %80.1, yookin Birrii biiliyoona 16.71.
 
Kana keessaa %63.2 moobaayilarraa, %28.7 daataa intarneetarraa, %5.5 ammoo idil addunyaarrayi kan argame.
 
Dhaabbatichi bu’aa waliigalaa Birrii biiliyoona 11.8 kan argate yammuu ta’u, kunis raawwin hojichaa %91rra jiraachuu muul’isa.
 
Iityoo Teelekoom baatiiwwan 6n darbanitti kaffaltii gibiraa Birrii biiliyoona 4 fi diiviidandii Birrii biiliyoona 3 mootummaadhaf galii godheera.
 
Dhaabbatichi rakkoolee hanqina sharafa alaa fi murtoo laachuu keessaa ba’uusaa boordiin hoji raawwachiisaa dhaabbatichaa gamaaggameera.
 
Rakkooleen dhaabbaticha mudatan hanna sararoota faaybaraa, burjaajjii teelekoom, ciccituu dhiyeessii anniisaa, hanqina humna namaa turan jedhameera.
Comments
Loading...