Fana: At a Speed of Life!

Aappil gatii bilbiloota Aayfoonii bakkeewwan muraasatti hir’isuufi

0 332

Finfinnee, Amajjii 22,2011(FBC)- Aappil gatii bilbiloota Aayfoonii bakkeewwan muraasatti hir’isuufi.

Itti gaafatamaan dhaabbatichaa Tiim Kuuk akka beeksisanitti gatichi kan hir’ifamu bakkeewwan muraasatti.

Sirreeffamni gatichaa gabaa badee ture harkisuuf akka ta’e eerameera.

Kurmaana dhuma bara Faranjootaa 2018tti galiin Aappiliin bilbiloota Aayfoonirraa argatu %15 hir’ateet ture.

Waggaa tokkoon duras galiin waggaa dhaabbatichaa %5 hir’ateet ture.

Kunis Doolaara biiliyoona 84.3tti dhiyaata.

Galiin dhaabbatichaa kan hir’ate diinagdeen Chaayinaa qabbanaa’aa dhufuu isaatin yammuu ta’u, Tiim Kuuk garuu gatiin bilibilichaa dabaluun gabaa fageessuu himu.

Keessumaa biyyoota guddinarra jiranitti rakkoo sharafa alaatin gatiin bilbiloota Aayfoonii qaala’aadha.

Baatii kanaa eegalee sirrachuun gatichaas biyyoota kanneen ilaalcha keessa kan galchu ta’aan eegama.

Maddi; BBC

Comments
Loading...