Fana: At a Speed of Life!

KPR oomishasaa Awrooppaatti erguu eegale

0 103
Finfinnee, Amajjii 20,2011(FBC)- KPR oomishasaa Awrooppaatti erguu eegale.
 
Teessoosaa Hind kan taasifate dhaabbatichi, Paarkii Indaastirii Maqalee keessatti oomisha huccuu fi uffannaa oomishashe yeroo jalqabaatif gabaa Awrooppatiif ergeera.
 
Dhaabbatichi Doolaara Ameerikaa miiliyoona 5 invast kan godhe yammuu ta’u, namoota 750 carraa hojii uumera.
 
Paarkin Indaastirii Maqalee Doolaara miiliyoona 100n, sheedota 15 lafa heektaara 100 irratti kan ijaarramedha.
 
Comments
Loading...