Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Invastimantii Ityoophiyaa fi Vools Waagan waliigaltee mallatteessan

0 126
Finfinnee, Amajjii 20,2011(FBC)- Koomiishiniin Invastimantii Ityoophiyaa fi dhaabbanni Jarman konkolaataa oomishuun beekamu Vools Waagan waliigaltee hojii walii mallatteessan.
 
Waliigalticha kan mallatteesse koomiishinara Kooniishinii Invastimantii Ityoophiyaa Abbabaa Ababaayyahuu fi Vools Waaganitti daayreektara damee Afrikaa Kibbaa Toomaas Shiifari.
 
Sirnicharratti ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiidee, preezdaantiin Jarman Fraank Waaltar Steeyinmeeyar, Ityoophiyaatti ambaasaaddarri Jarman, keessummoonni affeerraman argamaniiru.
 
Akkaataa waliigaltichaatin Vools Waagan yeroo dhiyootti Ityoophiyaatti konkolaattota oomishuu kan eegalu ta’a.
Comments
Loading...