Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitin Finfinnee garee qorannaa dhimma nageenyaarratti hojjetu hundeesse

0 145
Finfinnee, Amajjii 4,2011(FBC)- Yuunvarsiitin Finfinnee garee qorannaa dhimma nageenyaarratti hojjetu hundeesse.
 
Gareen qorannaa dhimma nageenyaa kunis miseensota 10 kan qabu yammuu ta’u, baajanni barbaachisaan ramadameefira jedhameera.
 
Preezdaantiin yuunvarsiitichaa Proofeesar Xaasaw Waldahaannaan akka jedhanitti, hojii qorannoo dhimma nageenyaa kun baranaa eegalee waggaa 3f, waggaa waggaadhan Birrii miiliyoonni 1 ramadameefira.
 
Walitti bu’iinsaan boodaa bulchiinsa isaarratti qorannaa fi tajaajila hawaasummaas ni laata jedhaniiru.
Comments
Loading...