Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Seeraaliyoon daawwachaa jiru

0 92
Finfinnee, Amajjii 4,2011(FBC)- Itti aanaan muummee ministiraa obbo Dammaqaa Makoonnan Seeraaliyoon daawwachaa jiru.
 
Daawwii hojii guyyoota lamaaf Seeraaliyoon kan galan kaleessa yammuu ta’u, Friitaawan yammuu ga’an qondaaltonni mootummaa biyyattii simannaa taasisaniifiru.
 
Daawwii hojichaatin hariiroo biyyoota lamaanii fi tumsa gamlamee cimsuuf ni mari’atama jedhameera.
 
Obbo Dammaqaan jila Ityoophiyaa fudhatanii gara Seeraaliyoon kan imalan yammuu ta’u, jilichis dhimmoota hariiroo biyyoota lamaanii fi tumsa waloorratti mari’atee waliigalteewwan ni mallatteessa.
 
Obbo Dammaqaan affeerraa preezdaantii Seeraaliyoon Juuliyas Maadaabiyuutin daawwicha gaggeessaa kan jiran.
Comments
Loading...