Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa wixinee labsii Boordii Filannoo Biyyoolessaarratti murtii dabarse

0 379
Finfinnee, Amajjii 4,2011(FBC)- Manni Maree Ministirootaa walga’ii idilee 61ffaa har’a gaggeessen dhimmoota lamarratti mari’achuun murtee dabarse.
 
Manni marichaa wixinee labsii gabaa albuudaarratti mari’achuudhan, yaadoliin marichaan ka’an itti ida’amanii akka ragga’u Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatif akka ergamu murteessera.
 
Wixinee labsii Boordii Filannoo Biyyoolessaa hundeessuuf qophaa’errattis mari’achuudhan yaadoliin sirreeffamaa fi dabalataa marichaan ka’an itti dabalamanii akka ragga’uuf Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatif akka darbu murteessera.
Comments
Loading...