Fana: At a Speed of Life!

Koomiishiniin Poolisii Finfinnee miseensotasaa 184 ofirraa gaggeesse

0 123
Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Koomiishiniin Poolisii Finfinnee miseensotasaa 184 ofirraa gaggeessuusaa beeksise.
 
Ergama koomiishinichaatin ala yakkoota addaddaa raawwachaa kan turanii fi rakkoo naamusaa kan qaban gaggeessuu isaati koomiishinichi kan hime.
 
Eeruu isa ga’erraa gamaaggama miseensota guutuu hirmaachise gaggeessuu isaatis koomiishinichi ibseera.
 
Yakka raawwachuun kan shakkaman to’atamanii qoratamaa jiraachuus ibseera.
 
Ummanni eeruu qabaannan karaa sarara bilisaa 991 fi 01-11-11-01-11 akka bilbiluuf gaafateera.
Comments
Loading...