Fana: At a Speed of Life!

Hoospitaalli Ammayyaa ebbifame

0 107
Finfinnee, Amajjii 4,2011(FBC)- Hoospitaalli godina Shawaa Kibba Lixaa aanaa Ammayyaatti Birrii miiliyoona 28 oliin ijaarrame ebbifame.
 
Ijaarsi Hoospitaala Ammayyaa bara 2004 kan eegalame yammuu ta’u, Birriin miiliyoonni 28 ol baasii itti ta’eera.
 
Hoospitaalichi har’a bakka itti aantuun preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa fi hoggantuun klaastara hawaasummaa aadde Xayibaa Hasanii fi hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar Darajjee Dhugumaan argamanitti ebbifameera.
Comments
Loading...