Fana: At a Speed of Life!

Cee’umsa eegalame milkeessuuf nageenyi murteessadha- obbo Jawaar

0 513
Finfinnee, Amajjii 4,2011(FBC)- Cee’umsa eegalame milkeessuuf nageenyi murteessaa ta’uun ibsame.
 
Cee’umsa eegalame ceesisuuf wanni jabaan barbaachisu nagaya jedhan aktiiviistii, xiinxalaa siyaasaa fi daayreektarri olaanaa OMN obbo Jawaar Mahaammad.
 
Obbo Jawaar jiraattota godina Jimmaa waliin galma Yuunvarsiitii Jimmaatti mari’ataniiru.
 
Marii kana irratti ummanni Oromoo tokkummaa isaa daran cimsee, cee’umsa eegalame milkeessuu qaba jechuun isaanii Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Godina Jimmaa beeksiseera.
 
Obbo Jawaar Mahaammad kaleessa galgala abbootii qabeenyaa Jimmaa waliin kan mari’atan yammuu ta’u, marii har’aatin durammoo masaraa mootii Abbaa Jifaar daawwataniiru.
Comments
Loading...