Fana: At a Speed of Life!

Waliigalteen mootummaa fi ABO xiyyeeffannaan akka ilaalamu ni barbaanna -diyaaspooraa Oromoo

0 135
Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Waliigalteen mootummaa fi Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) gidduutti Asmaraatti taasifame xiyyeeffannaan irra deebiiin akka ilaalamu ni barbaanna jedhan diyaaspooraan Oromoo.
 
Jijjiirramni akka naannoo Oromiyaa fi Ityoophiyaatti dhufe nu gammachiisus, waldhabbiin ODP fi ABO nu yaachiseera jedhaniiru diyaaspooraan Oromoo.
 
Yaaddoo isaanii kanas muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi hayyu duree ABO obbo Daawud Ibsaaf xalayaadhan beeksisuu himu.
 
Olola hariiroo mootummaa fi ABO booressuun yaaddofneerra, qaamoleen lamaanuu miira itti gaafatamummaa qabuun nagaa akka buusan ammas ni gaafanna jedhaniiru.
 
Lamaanuu olola walirraa dhaabanii, waliigaltee Asmaraa irra deebiin xiyyeeffannaadhan akka ilaalan ni barbaanna jedhaniiru.
Comments
Loading...