Fana: At a Speed of Life!

Traamp naannoo daangaa dallaa itti ijaaruu barbaadan daawwachuun, Demokraatota komatan

0 194
Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Preezdaantiin Ameerikaa Doonaald Traamp Demokraatota akeekkachiisan.
 
Cufamuun waajjiraalee mootummaa guyyoota 20 ega lakkoofsiseen booda Traamp naannoo daangaa kibbaatti imaluun daawwataniiru.
 
Sababii fedhii ijaarsa dallaa daangaa Meeksiikoo Ameerikaatin fandiin gadhiifamuu dhabuu isaarraa kan ka’e waajjiraaleen mootummaa guyyootii 20f cufamaniiru.
 
Traampis Demokraatonni fandicha raggaasisuu baannan aangoo preezdaantummaa isaaniitti fayyadamanii maallaqicha kan raggaasissan ta’uu akeekkachiisaniiru.
 
Dallaa daangaa Ameerikaa Meeksikoo ijaaruuf Doolaara Ameerikaa biiliyoonotaan lakkaa’amu fixa.
 
Waajjiraaleen mootummaan gariin cufamuun hojjettoonni mindaa malee akka taa’an, tajaajilli ummanni argachuu qabus akka adda citu taasiseera.
 
Akka preezdaant Doonaald Traamp jedhanitti furmaanni rakkinichaa fandii dalleenyi ittiin ijaaramu eeyyamuu fi dallaan ijaaranii xumuruudha.
 
Yoo fandichi raggaasifamuu baate garuu labsii yeroo ariifachiisaa labsuuf ni dirqamna jedhaniiru.
 
Guyyootii 20f hojiin mootummaa cufamuun hojjettoonni 800,000 ta’an hojii akka hiikanii fi kaffaltii malee akka taa’an godheera.
 
Waajjiraaleen mootummaa akka cufaman kan taasise diddaa Demokraatotaatin komataniiru.
 
 
Maddi; Aljaziiraa
Comments
Loading...