Fana: At a Speed of Life!

Roobart Muugaabee jalaa maallaqni hatame

0 166
Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Preezdaantii Ziimbaabuwee duraanii Roobart Muugaabee jalaa maallaqni hatame.
 
Hanna Doolaara 150,000n namoonni 3 shakkamanii mana murtiitti himatamaniiru.
 
Shakkamtoonni maallaqa hogganaa duraanii kana jalaa hataniin konkolaataa, manaa fi horii ittiin bitataniiru jedhameera.
 
Shakkamtoota keessaa takka firuma Roobart Muugaabee; Koostaaniyaa nama jedhamtu.
 
Koostaaniyaan furtuu mana Roobart Muugaabee naannoo magaalaa Haraareetti argamuu hattootaf laachun shakkamteetti.
 
Shakkamtoonnis baatii Muddee fi Amajjii keessa hannicha raawwachuu isaanitu eerameera.
 
Shakkamaan Joon Maapuriisaa jedhamu konkolaataa Toyoottaa Kaamrii Doolaara 20,000n, Saaymoor Heetekiwaan immoo konkolaataa fi bineeldota manaa kan akka booyyee fi saawwan ittiin bitachuu abbaan alangee dhimmicha qabate himeera.
 
Roobart Muugaaben bara Faranjootaa 2017 ture raayyaa ittisa biyyaatin aangorraa humnaan kan bu’an.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...