Fana: At a Speed of Life!

Raayyaan ittisaa ummata waliin, ABO obbo Daawud irratti tarkaanfii fudhachaa jira – Jeneraal Biraanuu

0 820

Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Raayyaan ittisa biyyaa ummata waliin ta’uudhan Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) obbo Daawud Ibsaatin duurfamurratti tarkaanfii fudhachaa jira jedhe Ministeerri Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI.

Sochii alseerummaa addichi lixa Oromiyaatti taasisaa ture ummata waliin ta’uudhan maqsuun danda’ameera jedhan itti aanaan eetaamaajooraa fi hogganaan qajeelcha duulaa, Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Birihaanuu Juulan ibsa har’a laataniin.

Garicha hidhannoo hiiksisuun cimee itti fufuu isaatis eeraniiru.

Addichi waliigaltee mootummaa waliin Eertiraatti taasifame diigee gochaa ummataa fi biyya balleessu raawwachuu isaatin tarkaanfiin irratti fudhatamaa jira jedhaniiru.

Garichi bosonatti deebi’aa akka jiru himanii, raayyaan ittisa biyyaa olaantummaa seeraa kabachiisuuf caasaa mootummaa fi ummata waliin ni hojjeta jedhan.

Tarkaanfichi fudhatamaa kan jiru gochaa seeran alaa garichi raawwatee fi gaaffii ummataa gochaa garicha nuffeeni jedhan jeneraalichi.

Rakkoo tibbana naannoo Amaaraa godina dhiha Goondar Gandawuhaa fi Kookiititti mudate ilaalchisee odeeffannoon waldhahaan ba’aa akka jiru itti aanaan eetaamaajoorichaa himaniiru.

Raayyaan Ittisa Biyyaa FDRI dogongora yoo raawwate, akka biyyaattuu dhiifama gaafatee maatii miidhamtootatiif beenyaa ni kaffalas jedhaniiru.

Itti aanaan eetaamaajooraa fi hogganaan qajeelcha duulaa Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Birihaanuu Juulan raayyaan ittisaa yoo ofirraa ittise malee nama hin ajjeesu jedhaniiru.

Naannichi rakkoo nageenyaa waan qabuuf raayyaan ittisa biyyaa yeroo hunda to’annaa gaggeessaa turuu himan.

Gandawuhaa fi Kookiititti raayyaan ittisa biyyaa ergama dabaaluu hojjetaa ture jedhan Jeneraal Birihaanuun.

Ummanni waan dabaalame yaa sakatta’amu bifa jedheen sakattoon gaggeeffameeras jedhaniiru.

Sakattoo ummataa kana darbee sakattoo biroorra yammuu qaqqabu, qaamoleen hidhatan dhukaasa bananii miseensota raayyaa ittisaa 2 madeessaniiru jedhan.

Haaluma kanaan waan itti dhukaafameef ofirraa ittisan malee nama ajjeesuun fedhii raayyaa ittisaatii miti jedhaniiru ibsa laataniin.

Yaata’uutii dogoggorri yoo jiraate dhiifama gaafatee beenyaayyuu ni kaffala jedhaniiru.

Comments
Loading...