Fana: At a Speed of Life!

Qaala’iinsi gatii baatii Muddee %10.4 ta’uun galmaa’e

0 125
Finfinnee,Amajjii 3,2011(FBC)- Qaala’iinsi gatii baatii Muddee %10.4 ta’uun galmaa’uusaa Eejansiin Staatiistiiksii Jiddugaleessaa Ityoophiyaa beeksise.
 
Oomishaleen nyaataa 9.1, oomishaaleen nyaata hin taane 11.4; jiddugaleessan 10.4 ta’ee galmaa’uusaa eejansichi eerera.
 
Biyyoota guddatanii fi diinagdee isaanii to’achuu danda’anirratti qaala’iinsi gatii %2.5 ta’uun filatamaa ta’uu ogeeyyiin diinagdee ni himu.
 
Haala kanaan qaala’iinsi gatii Ityoophiyaatti galmaa’e olaanaa ta’us, waggaa 5 dura %64 qaqqabuusaa kaasa eejansichi.
 
Ka’umsi indeeksii tilmaama gatii shamattootaa 2004 irraa 2009 akka ta’u taasifameera.
 
Ka’umsicha geeddaruun kan barbaachise gatii fi oomisha ammaa jijjiirrama muul’isu waliin adeemsisuun barbaadameeti.
Comments
Loading...