Fana: At a Speed of Life!

Kaawunsiliin Raayyaa Ittisa Biyyaa mari’ate

0 277

Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Kaawunsiliin Raayyaa Ittisa Biyyaa Waajjira Muummee Ministiraatti mari’ateera.

Seera raayyaa ittisa biyyaa, gurmaa’ii, ga’umsa raawwii fi hidhannoodhan sadarkaa olaanaarra qaqqabaa akka jiru eerameera.

Raawwii kana amma sadarkaa gadiitti buusuu, bu’aalee argamanii fi hanqinoota jiran furuurratti mari’atameera.

Maricha kan hogganan hogganaa humnoota waraanaa waliigalaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad, raawwii riifoormii raayyaa ittisa biyyaa gamaaggamuun kallattii gara fulduraa kaa’aniiru.

Qubannaan raayyaa ittisa biyyaa haala naannoo fi keessoo ilaalcha keessa galchuudhan akka raawwatamu mari’atameera.

Ummannis kana akka hubatu marichaan ka’eera.

Comments
Loading...