Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan oomisha qonna Gannaa qofarraa kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 14 ni argatti jedhame

0 96
Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC) – Ityoophiyaan oomisha qonna Gannaa qofarraa kuntaala miiliyoona dhibba 3 fi miiliyoona 14 ni argatti jedhameet eegama jedhe Eejansiin Staatiistiiksii Jiddugaleessaa Ityoophiyaa.
 
Eejansichi raaga oomisha qonna Gannaa 2010/2011 irratti ibsa gaazexeessummaa laatera.
 
Itti aanaan daayreektara olaanaa eejansichaa obbo Amaaraa Laggasaan akka himanitti, eejansichi maatii qonnaa kuma 40 samuudaan filatee amma Gurraandhala 10tti raaga oomishaa saayinsaawaa kaa’era.
 
Safarriin ooyruu qonnaa, ragaa qonnaan bulaa fi ogeeyyii qonnaarraa funaanuu, haala qilleensaa, xaa’oo, sanyii filatamaa, dawaan farra ilbiisotaa ilaalcha keessa galaniiru.
 
Qonna Gannaa heektaara miiliyoona 12 irraa oomishti kuntaalli miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 14 ni argama jedhameet eegama jedhaniiru.
 
Kunis yeroo walfakkaataa bara darbeen yoo walcinaa qabamu garaagartee kuntaala miiliyoona 8.5 qaba.
 
Sooddoo Lammaatu gabaase.
Comments
Loading...