Fana: At a Speed of Life!

Injiinar Ayshaa Mahaammad preezdaant Ismaa’eel Oomar Giillee waliin mari’atan

0 153
Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Injiinar Ayshaa Mahaammad preezdaantii Jibuutii Ismaa’eel Oomar Giillee waliin mari’atan.
 
Jilli ministirittiin duurfamu kaleessa preezdaant Ismaa’eel Oomar Giillee waliin Jibuutiitti mari’ateera.
 
Ergaa muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadirraa ergames preezdaantichaan ga’aniiru.
 
Muummee ministiraa ergaa isaanitiin hariiroon biyyoota lamaanii fedhii fi faayidaa ummata biyyoota lamaaniirratti bu’uuree sadarkaa olaanaatti cee’uusaa kaasaniiru.
 
Waliigalteewwan misoomaa hojiirra akka oolu tumsaan kan hojjetamu ta’uus ibsaniiru.
 
Preezdaant Ismaa’eel Oomar Giilleen gama isaanitiin hariiroon biyyoota lamaanii Gaanfa Afrikaa fi biyyoota Afrikaa kaanif fakkeenya gaarii kan ta’u ta’uu himan.
 
Kunis jabaatee akka itti fufu tumsaan ni hojjenna jedhaniiru.
Comments
Loading...