Fana: At a Speed of Life!

Baandiin Afran Qalloo gara biyyaa deebi’uufi

0 163
Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Baandiin Afran Qalloo guyyoota 13 booda gara biyyaa deebi’uufi.
 
Walitti qabduun Koree Simannaa aadde Fariyaa Aliin ibsa har’a Waajjira Preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kennaniin akka beeksisanitti, baandichi jila namoota 17 qabu fidateet dhufa.
 
Jilichi Artiist Alii Shabbootiin duurfama jedhan aadde Fariyaan.
 
Jilli artiistota Oromoo kun Artiist Turee Leencoo, Shantam Shubbisaa, Jaafaar Alii, Adam Haaruunii fi hayyoota akka Proofeesar Jamaal Hasanfaa of keessatti kan hammatedha.
 
Amajjii 18, 2011tti sagantaan koonsartii aartii fi artiistota Oromoo walqunnamsiisu ni qophaa’a jedhaniiru.
 
Baandichi wayita biyya galus simannaan gootummaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti akka taasifamuuf ta’a.
Comments
Loading...