Fana: At a Speed of Life!

ADP fi SBA waliin hojjechuuf waliigalan

0 197
Finfinnee, Amajjii 3,2011(FBC)- Amaaraa Demokraatiik Paartii(ADP) fi Sochiin Biyyoolessaa Amaaraa(SBA) waliin hojjechuuf waliigalan.
 
Paartileen lamaan siyaasa amma jiruratti mari’ataniiru.
 
Marichis karaa hoji raawwachiistuu paartilee lamaanitiin gaggeeffame.
 
Haaluma kanaan waltajjichi karaa ADPtin obbo Dammaqaa Makoonnan, karaa SBA ammoo Dooktar Dassaalany Caanneetiin hogganamuun Amajjii 1,2011 Finfinneetti taa’ameera.
 
Miseensonni hoji raawwachiistuu ADP 11 waltajjicharratti kan argaman yammuu ta’u, karaa SBAtiin ammoo hoji raawwachiistuun 9 argamaniiru.
 
Paartileen lamaan dhimma nageenyaa, nagaa fi tasgabbii, misoomaa fi ajandaalee ummata Amaaraa fayyadamoo taasisanirratti waliin hojjechuuf koree waliinii hundeessaniiru.
Comments
Loading...