Fana: At a Speed of Life!

Tuurk baqattoota Sooriyaa kuma 76f lammummaa laatte

0 663
Finfinnee, Amajjii 2,2011(FBC)- Tuurk baqattoota Sooriyaa kuma 76f lammummaa laatte.
 
Ministirri Ministeera Biyya Keessaa Tuurk Suleemaan Sooyluun akka beeksisanitti, Sooriyaanota kuma 76 Tuurk seenaniifi lammummaan kan laatame.
 
Lammummaan kan laatameef hedduun isaanii ogeeyyii, dooktaroota, namoota barnoota qabanii fi daldaltoota.
 
Lammiilee Sooriyaa Tuurkitti baqatan keessaa %62 naannoo Aleeppoo, Iidliib, Raaqaa fi Haasaakii kan baqatani.
 
Ragaan mootummaa Tuurkii fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanirraa argame akka muul’isutti Sooriyaanonni miiliyoonni 3.6 galmaa’aniit buufata baqattootaa Tuurk keessa jiraatu.
 
Lammiilee kanneen hedduun umrii waggaa 18 – 56 keessatti kan argamanidha.
 
 
Maddi; www.middleeastmonitor.com
 
Comments
Loading...