Fana: At a Speed of Life!

Sirni elektirooniiksiin hojimaata keellaa fayyaa fooyyessu jalqabame

0 141
Finfinnee, Amajjii 2,2011(FBC)-Sirni elektirooniiksiin hojimaata keellaa fayyaa fooyyessu jalqabame.
 
Sirnichi odeeffannoo elektirooniiksiin kan galmeessu yammuu ta’u, moggaasni “ECHIS” jedhamu kennameefira.
 
Sirnichi leenjii ga’aan ega laatameen booda hojiirra kan oolu ta’uu ministirri Ministeera Eegumsa Fayyaa FDRI Dooktar Amiir Amaan himaniiru.
 
Hojimaanni kunis karoora guyyaa 100 ministeerichaa keessaa tokko.
 
Keellaawwan fayyaa kuma 1 ta’an taableetiin odeeffannoo guuran akka gabaasan deeggara.
 
Dhuma waggaa kanaatti keellaawwan fayyaa kuma 8tti hojiirra oola jedhan Dooktar Amiir.
Comments
Loading...