Fana: At a Speed of Life!

Qorattoonni Naasaa Plaaneetii haaraa argachuu beeksisan

0 180
Finfinnee, Amajjii 2,2011(FBC)- Qorattoonni Naasaa Plaaneetii haaraa argachuu beeksisan.
 
Plaaneetiin argatanis adda kan taatee fi lafa dachaa sadiin kan caaltu ta’uu himaniiru.
 
Plaaneetii haaraa tanaafis moggaasa ”HD 21749” jedhu laataniiru.
 
Teeleskooppii Tees jedhamu fayyadamanii akka argatanis ibsameera.
 
Plaaneetii haarenyi amma argamtes bal’inaan lafa dachaa 3n caalti, ulfaatinaan ammoo dachaa 23 caalti jedhameera.
 
Qorattoonni hawaa Naasaa akka jedhanitti uurjiiwwanirraa kan ka’e plaaneetittiin jireenya ilmaan namaatif mijattuu ta’uu dandeessi.
 
Gaazota addaddaatin kan badhaate yammuu ta’u, lubbuun namaa irra jiraachuu malaan shakkaniiru.
 
Qorannaa bal’aa gaggeessuuf qophiirra jiraachuu Naasan beeksiseera.
 
Daylii Meeyil
Comments
Loading...