Fana: At a Speed of Life!

Preezdaant Lammaan jila hoggansa ABO obbo Galaasaa Dilbootin duurfamu waliin mari’atan

0 328
Finfinnee, Amajjii 2,2011(FBC)- Preezdaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Lammaa Magarsaan jila hoggansa ABO obbo Galaasaa Dilbootin duurfamu waliin mari’atan.
 
Jilli ABO obbo Galaasaa Dilbootin duurfamu waamicha mootummaan taasise fudhachuudhan karaa nagayaatin qabsaa’uuf tibba kana gara biyyaa deebi’uun isaa ni yaadatama.
 
Preezdaant Lammaa Magarsaan qabsoon ABO buleeyyiin taasise nu biratti galata guddaa qaba jedhaniiru.
 
Jijjiirama dhufe ceesisuuf hundi keenyaa ga’ee mataa keenyaa ba’uu qabna jedhaniiru.
 
Obbo Galaasaa Dilboon gama isaanitiin qabsoo walirratti gochuuf osoo hin taane harka walqabannee waliin qabsaa’uuf dhufne jedhaniiru.
Comments
Loading...