Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti duulli misooma sululaa marsaa 7ffaan eegalame

0 191

Finfinnee, Amajjii 2,2011(FBC)- Naannoo Oromiyaatti duulli misooma sululaa marsaa 7ffaa eegalame.

Duulichi kaleessa Amajjii 1,2011 ifatti eegalameera.

Duulli misooma sululaa waggaa waggaan qonnaan bulaa, horsiisee bulaa akkasumas jiraattonni magaalaa naannoosaanii deebisanii misoomsuuf kan gaggeeffamudha.

Duulli misooma qabeenya uumamaa marsaan 7ffaan bara kanaa godina Harargee Lixaa aanaa Ancaar araddaa Baaleetti bakka gaggeessitoonni naannoo hanga aanaatti jiran argamanii fi qaamoleen hawaasaa tokkummaadhan hirmaatanitti guyyaa kaleessaa ifatti egalamuusaa Biiron Dhimmoota Koominikeeshinii Oromiyaa beeksiseera.

Duulli misooma sululaa kun gandoota Oromiyaa hundatti hanga walakkaa ji’a Gurraandhalaatti kan itti fufu ta’uu Biiron Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa ibseera.

 

Comments
Loading...