Fana: At a Speed of Life!

Abbaan alangee shakkamtoota galmee 229396 jalatti tarreeffaman himate

0 204
Finfinnee, Amajjii 2,2011(FBC)- Abbaan Alangee Federaalaa shakkamtoota galmee 229396 jalatti tarreeffamanirratti himata bane.
 
Lakkoofsa galmee 229396; yookin galmee daayreektara olaanaa Korporeeshinii Injinariingii Sibiilaa duraanii Meejar Janaraal Kinfee Daanyaw jalatti kan tarreeffaman obbo Ramadaan Muusaa, Koloneel Dasee Zallaqaa, obbo Charinnat Daanaarratti Abbaan Alangee Federaalaa himannaa bane.
 
Haaluma kanaan galmeen shakkamtootaa dhaddacha yakkaa 10ffaa ture cufamuun, dhimmi isaanii dhaddacha yakkaa 15ffatti kan ilaalamu murtaa’era.
Comments
Loading...