Fana: At a Speed of Life!

Mahaammad Saalaah taphataa cimaa Afrikaa waggichaa ta’e

0 121
Finfinnee, Amajjii 1,2011(FBC)- Mahaammad Saalaah taphataa cimaa Afrikaa kan waggichaa ta’e.
 
Mahaammad Saalaah dargaggeessi umrii waggaa 26, dorgommicha yoo injifatu kun yeroo jalqabaatifii miti.
 
Jifataan Liivarpuul, lammiin Gibts Mahaammad Saalaah taphataa cimaa Afrikaa kan bara 2018 mo’ateet ture.
 
Mahaammad Saalaah taphataa kilabiisaa isa waliin kaadhimamtummaan dhiyaate Sayidoo Maanee fi jifataa Arsenaal Piir Umireek Obaamiyaang caaludhaani badhaasicha kan injifate.
 
Badhaasichas preezdaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miillaa Afrikaa Ahimad Ahimadii fi taphataa kubbaa miillaa jaalatamaa duraanii fi preezdaantii Laaybeeriyaa ammaa Joorj Wiihaa harkaa fudhateera.
 
Maddi; BBC
Comments
Loading...