Fana: At a Speed of Life!

Filannoon preezdaantummaa Demokraatiik Riippabliik Koongoo komii uume

0 251

Finfinnee, Amajjii 1,2011(FBC)- Filannoon preezdaantummaa dhiyeenya Demokraatiik Riippabliik Koongotti gaggeeffame komii uume.

Paartileen morkattootaa bu’aan filannichaa osoo hin ibsamin turuusaa komataniiru.

Akkaataa sagantaa qabameetin bu’aan filannoo preezdaantummaa Dilbata darbe ifoomuu qaba ture.

Sagaleen ummataa yeroo qabameef keessatti bifa ifa ta’een beeksifamuu akka qabus eeraniiru.

Boordin Filannoo Biyyoolessaa biyyattii bu’aa filannichaa dafee akka ifoomsus gaafataniiru.

Itti gaafatamaan boordichaa Koorneeleen gama isaanitiin naannolee muraasatti sagaleen filannoo amma ammaatti akka hin lakkaa’amin kaasu.

Amma sagaleen hundi ida’amee injifataan beekamutti paartileen siyaasaas ta’e ummanni akka obsan gaafataniiru.

Biyyattii waggoota 18f kan hogganan Jooseef Kaabiilaa bakka bu’uuf mormitoonni dorgommii cimaa taasisuun beekameera.

Manni Amantaa Kaatoliikii taajjabdoota kuma 40 bobbaasee turte injifataan filannichaa eenyu akka ta’e duursee beekameera jetteetti.

Mootummaan Kaabiilaa gama isaatin ibsi mana amantittiirraa laatame seera kan hin eegganne ta’uu ibseera.

Mootummaan odeeffannoon filannichaa akka burjaajjii hin uumne sababii jedhuun intarneetii cufeera.

 

Maddi; Daylii Meeyil

Comments
Loading...