Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti vaayrasiin iibooladhaan walfakkaatu argame

0 416

Finfinnee, Amajjii 1,2011(FBC)- Chaayinaatti simbirran halkaniirratti vaayrasiin iibooladhaan walfakkaatu argame.

Qorannaan gaggeeffame akka muul’isutti vaayrasichaaf moggasni “mangalaa” jedhamu laatameefira.

Vaayrasichi hamaadha kan jedhame yammuu ta’u, Chaayinaa naannoo Yuwaanitti simbirran halkaniirratti kan argame.

Vaayrasichi ho’ina qaamaa fi dhibee qaqqabsiisuu akka malu barruun Neechar Miikroobaayooloojii maxxansa isaatin beeksiseera.

DNA simbirranii fi bakka jireenya isaanii qorachuudhan vaayrasichi weeraratti akka hin ceene duursanii ittisuuf hojjetamaa jiraachuu maxxansa qorannichaatin eerameera.

 

Maddi; www.upi.com/Health

 

Comments
Loading...