Fana: At a Speed of Life!

Beekumsi biyya keessaa qorannaadhan deeggaramee faayidaa hawaasatiif akka oolu qajeelfamni ragga’eera

0 230
Finfinnee, Amajjii 1,2011(FBC)- Beekumsi biyya keessaa qorannaa keessa darbee teeknooloojidhaan deeggaramee hawaasa bira akka qaqqabu qajeelfamni ragga’uusaa Ministeerri Saayinsii fi Barnoota Olaanoo beeksise.
 
Dhaabbileen barnoota olaanoo baruu barsiisuun ala, beekumsa hawaasaa fi biyya fayyadamaa taasisu qorannaadhan fiduun isarraa eegama.
 
Ministir deettaan Ministeera Saayinsii fi Barnoota Olaanoo Proofeesar Afawarq Kaasuun akka jedhanitti dhaabbileen barnoota olaanoo beekumsa hawaasaarratti xiyyeeffatanii qorannaawwan akka gaggeessani ni barbaadama.
 
Kunis beekumsi hawaasaa faayidaarra akka oolu taasisuudhan, waliin hojjechuu cimsa.
 
Tigist Abrahaamtu gabaase.
Comments
Loading...