Fana: At a Speed of Life!

Yaadaa fi hojiilee kalaqaa sadarkaa addunyaatti bilisaan galmeessisuuf waliigalteen mallatteeffame

0 119
Finfinnee, Muddee 30,2011(FBC)- Yaadaa fi hojiilee kalaqaa sadarkaa addunyaatti bilisaan galmeessisuuf waliigalteen mallatteeffame.
 
Dhaabbanni “Seev Aydiyaa” jedhamu yaadolii fi kalaqa sammuu Ityoophiyaanotaa galmeessuu fi eeguuf Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii waliin waliigaltee mallatteessera.
 
Waliigalticha ministir deettaan Ministeera Innooveeshinii fi Teeknooloojii Dooktar Shumatee Gizaawii fi preezdaantiin “Seev Aydiyaa” Proofeesar Haazboo Shookoon mallatteessaniiru.
 
Yaadolii fi kalaqoonni dorgommii “Diizaayin Ityoophiyaarratti” dhiyaatan akka galmaa’anii fi eegumsi taasifamuuf ministeerichi ni barbaada.
 
Dhaabbatichi Afrikaa Kibbaa, Taanzaaniyaa, Keeniyaa, Ayvoorii Koostii fi Bootiswaanaatti hojiilee walfakkaataa ni hojjeta jedhameera.
Comments
Loading...