Fana: At a Speed of Life!

Preezdaantiin Baankii Addunyaa, Traampin waldhabuu isaanitiin taayitaa gadhiisan

0 195
Finfinnee, Muddee 30,2011(FBC)- Preezdaantiin Baankii Addunyaa Jiim Yoong Kiim Preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traampin waldhabuu isaanitiin taayitaa gadhiisan.
Walta’uu kan dadhaban, preezdaant Traamp yaada jijjiirrama qabeenya qilleensaarratti ejjennoo qabaniini.
 
Jiim Yoong Kiim bara turmaata waggoottan shanan lamaan preezdaantii Ameerikaa duraanii Baaraak Obaamaa ture kan muudaman.
 
Mootummaan Oobaamaa imaammata jijjiirrama qabeenya qilleensaa deeggaruudhan, anniisaa haaromurratti xiyyeeffatanii hojjechaa turuun isaanii ni yaadatama.
 
Ega Doonaald Traamp dhufaniin booda garuu waliigaltichaa fi deeggarsa Ameerikaan jijjiirrama qabeenya qilleensaa to’achuuf laattu dhiisanii duursi waa hundaa Ameerikaaf jechuun isaanii ni yaadatama.
 
Barri hojii Jiim Yoong Kiim bara Faranjootaa 2022 xumurama ture.
 
Maddi; CGTN
Comments
Loading...