Fana: At a Speed of Life!

Kiim Joong Uun Chaayinaa daawwachaa jiru

0 156
Finfinnee, Muddee 30,2011(FBC)- Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun daawwii hojiitif Chaayinaa Beejiing galaniiru.
 
Daawwiin hoggantichaa uwwisa miidiyaa baay’ee hin arganne.
 
Daawwichi affeerraa preezdaantii Chaayinaa Shii Jiing Piingin kan taasifamedha.
 
Kiim Joong Uun haadha warraa isaanii Ray Sool Juu waliin daawwii hojii guyyoota 3f Chaayinaa kan turan ta’a.
 
Kiim Chaayinaa daawwachaa kan jiran preezdaantii Ameerikaa Doonaald Traamp waliin si’a lammaffaadhaf walarganii akka mari’atan yeroo hojjetamaa jirutti.
 
 
Maddi; www.bbc.com
Comments
Loading...